Ergaa bara boodaa

Waaqqayoon Beekuu

Waaqqayyo karaalee yookiin wontoota baayyee tokkumaa isa wojiin akka qabaanuuf nuuf umeera. Kanaaf uumamni fakeenya gaarii kan nuuf ta'uudha. waaqqayyo uumama babareedaa hundaa akka nutti haala addaatiin ilaalee hojjaa harkaa isaa kanatti gammanuufi. kana kan hubatuu danda'u garuu onnee waaqqayoof banaa taateefii jaalalla waaqqayoo qabdu qofatuu iciitii hojjaa harkaa waaqqayoo kana hubbatuu danda'a. Akkasumaas gurra sagalee waaqqayoo dhageefatutuu haasawa waaqqayyo umama wojjiin qabu hubbata.

Sagaleewwan umama yeroo dhageeffatu maaltu sitti dhagahamaa? Fkn edoo cal-jedhe teetee sagalee shimbiroo, allaattiwwan, busaayyota, lageen adda addaa, mukeeniiff k.k.f. Dhugumaan wonti akkas nama gammachiisu addunyaa kana irra hin jirru. Umama magariisa, mukeen adda addaa, ababoowwan kuniin hundi tokoon tokkoon isaanii haasawa waaqqayyo wojjin ni qabu! Akkasumaas umamni kuniin hundi yeroo isaan daawwanu, akka waaqqayo isaan umeen wollitti hidhata qabaanu nu gargaaru. Kun hundi jaalala ilmaan namootatiif qabuuf kan umeedha. Akkasumaas umama harka isaa ilaalee haa galateefanuuf umaman.

Yaa ilmaa namaa! Hireen waaqqayoon galateefachuu kuni kan kenameef ilmoo namaatiif turre! Garuu dhuguma dhugaatiin a shimbiroowwan nama caalaa galateefataan jiranii? waaqqayyo ijoollee isaa kan umama hujii harkaa isaa hubbachuu dandan'an akkasumaas ijoolee icciitii isaa umama kanaraan hubatan ni qaba.

Hawaan gubbati ilaalu hundi jechuuniis Aduun, Urjiileen, laftiifii k.k.f. hundi akka seeraan hojjaa isaanii raawwatan kan godhaarru waaqqayyo malee beektota addunyaa ykn saayintistootaa miti. Wonta hojjaa isaa ta'e kana hundumaayuu egumsa kan godhaaru waaqqayoo abaa jaalalaati. Beekumsi waaqqayoo, "beekumsa kuftuu!" adha umani addunyaa tanaa ni beekna jedhu kanaa mitti. Beekumsa bulchitoota addunyaa tan darbitu tanaa mitti."waan waaqayyo worra isa jaallataniif qopheesse, iji namaa hin argine, gurri namaa hin dhageenye, yaadni namaas bira hin geenye" Ergaa gara worra qorontoos 1ffaa 2:6-9 ofii keetii mee dubbifadhu;

Barreessitootni asoosamaaf al-asoosama adda addaa kan addunyaa darbitu tana iraa, akksumaas naturalist yookiin worootni waa'ee biqiltootaaf busaawotaa qu'atan hundi waa'ee umamaa waa baayee bareessaniiru, akkasumaas haasawaaniiru. Garuu yeroo tokkolee icciitii waaqayo uumama wajji qabu beekanii itti gamadanii hin beekan. Kan itti gammadan ijoolee waaqqayyoo kan icciitii uumama isaa dhugaadhaan hubatan qofa. Haassawa umama irraan waaqqayyo ilmaan namootaa wojjiin qabu kana kan hubatuu dandeenu, hafuuri qulquluun onnee keena keessa yeroo jiraatefii ofiif jireenya keena waaqayoof dabarsinee yoo kenine qofa. Kitaaba Faarruu 34:5 "Gara isaa ilaalaa, issiniif ibsaa! Deebitaniis fuulli keesaniis hin saalfatu" jedha. EE DHUGAADGA! beekumsi hin kufne waaqqayyoon yoo qabaane qofa.

Akka fedha isaati kan dedeebi'aniif kan jiraatan, akkasumaas amala isaa kan qabaniif waaqqayyo itti dhufee ni tajaajila. "Eliyaas akkuma keena kana nama foon uffate ture. roobni akka hin roobne jabeesee kadhate, dachee irratiis woggaoota sadihiifii ji'a jahaa roobni hin roobne. Yeroo lamaafaafiis ni kadhate, samiiniis rooba ni kene. dachiiniis firrii isii ni daraarte" kitaaba yaa'iqoob 5:17-18

Waaqqayyo kan nuraa barbaadu Onnee guutuun issatti amanee seera isaa eguudha. Sagaleen isaa bishaan jireenyaa dheebuu keena kan itti baanuufii budeena jireenyaa kan samii irraatti. kanaaf waaqqayoo akkana jaallala isaa nuti agarsiise, nuti immo seera isaa eguudhaan jaalala isaaf qabnu hojaadhaan agarsiisuun barbaachisaadha.

Yeroo nuti yaada keena guutumati gara mana samii godhanne, amantaafii jaalalli waaqqayoof qabnu dabalaa adeemuun alatiis kadhanaan keenaas kan yoomiyuu caalaa fudhatama argata. Kanaaf fedha keena kan mana samii taassisuuf, shaakkaliin amnataadhaa barbaachisaadha. Yerroo sannatti lubuun teena tan beelofteefi dheebbotte wana jireenya isiitiif barbaachisu guutatti.

Humni badhaasaa kan samuu keenaa kan qancaru ykn guddina kan dhaabbu, shaakkaltii mataa keenyaa akka barbaachissutti gochuu yeroo dhaabneedha. Gadi fageenyaan icciitii waaqqayoo hubbachuu dhabuun asiraa dhufa jechudha.

Shaakkalii yeroo jennu, jecha tokko dubbifnee beekuu qofaa jechuudhaa mitti. Garuu beekanii hojjadhaan fiixaan baasuudhaan malee. Qu'anaan kitaaba kamiituu kan beektoni addunyaa bareessan akka kitaaba qulquluu jajjabinaafi hubbanoo samuu nuuf guddissu hin jiru. Yeroo kitaaba qulquluu sirritti shaakkalte Eebba mana samiitiin guutamuun alatii yeroma kana; babalina samuu yaadiinsaan akkasumaas jijiirama guddaa amalaa ufi irratti argina.

Ijooleen waaqayoo kan dhugaadhaan waaqayoon beekan, bakka buutota kiristoos jedhamu. Isaaniis gaarumaafii garalaafumaa waaqayyo kan sirritti hubataniidha. Akkuma yesuus dhugaa abaa isaa bakka bu'uudhaan addunyaaf ibse, waaqayoon yoo beekne nutiis adha, yesuus baka bu'uudhaan amala isaa, gaarumaa isaafii jaalala isaa addunyaadhaaf agarsiisuu dandeenya jechuudha. "Akkuma ati biyya lafaatti na ergite, aniis akkasumaa biyya lafaati isaan ergeera." Wongeela yohaanis 17:18
"Akkuma nu tokko taane, isaaniis tokko haata'aniif, ulfina ati naaf kenite isaaniif keneera." 17:22

Namni tokko qajeelumati waaqayoon kan beeku yookiiniis duuka bu'aa isaa kan dhugaa osoo ta'ee, isa irra ta'uudhaan yesuus maatii isaa akkasumaas maatii naanoo inni keesa jiraatuu, akkasumaas ganda inni jiraatu hundaa ergaa ni dabarsa. Waaqayoo yoo nu keesa jiraate, namni naanoo nu jiraanuus caraa waaqayoon beeku ni argatu. Yoo nuti fakeenya gaarii namootaaf hin taane, ufii keenyaa dhugaa beeknee namoota biroo kan dhuggaa kana irraa dogogoraan badaniiran dhugaa kana yoo hin beeksifne, Kanaan hangam takka namoota birootiif gufuu taaneeraree?

Namni tokko kiristaana yoo ufiin jedhe, seeri dhugaa waaqayoo guutumati, akkasumaas ibsaan kiristoos inni dhugaadhaa addunyaadhaaf ifuu qaba. waaqayoon beekuun, dhugaan baka bu'aa isaa ta'uun, seera isaa dhugaatiif hojjaa gaarii isaa hojjaa irra olchuudhaan.
waaqqayyoon beekana yoo ta'ee, kiristaana dukanaayaa ta'uu hin qabnu; kiristaana abdii hin qabne ta'uu hin qabnu; kiristaana lubuun isaa yeroo hundaa gadite ta'uu hin qabnu; Kiristaana wonta dalageti hin gamane ta'uu hin qabnu; kiristaana mataa ufii qofaaf jiraatu ta'uu hin qabnu; akkasumaas kiristaana hojjaa addunyaa irra gargar hin baane ta'uu hin qabnu.

Seexani yeroo ijjoolee waaqayoo amntaa irraa gateefi yeroo gadi gudaan isaan seene kan gamadu; akkasumaas waaqayoon irrati ofi gatuu yeroo dhiifneefii humna fayyisumaa waaqayoo yeroo nuti dagane kan inni gamadu. Kanaan alatiis seexani kan nama hubachiisuu barbaadu, akka waaqayo abaa irree ta'ee, nama gadi qabee miidhuu tokkotti. Kanaas kan raawatuuf bakka bu'umaa isaa waan barbaaduuf. Daba isaa kana kan hubachuu dandeenyuun waaqayoon yoo beekne qofa. Ilmi waaqqayoo mootumaa abbaa isaafii waaqumaa isaa dhiisee namumaa ufachuun kan dhufeef, lubbuu ilmaan namaa garbumaa seexanaa jallaa billisa baasuudhaaf: samii namaaf banuudhaaf; sanyii dhala namaa kan cubuufii mooraaliin kufe akka deebi'ee waaqayoon wojjii woliti hidhatiinsa taasifatuufi. yesuus nuufi akka haadha daa'ima gudiftuu tokooti. Akkumaa haati daa'ima ishee guddisuudhaaf bu'aa bayii baayee gootu fii daa'ima isheeti qananiin yoo hin dhagayamin cinqamtuu, inni immo kana caalaa nuuf cinqameera..

 


Kommentarer

Kommentera inlägget här:

Namn:
Kom ihåg mig?

E-postadress: (publiceras ej)

URL/Bloggadress:

Kommentar:

Trackback
RSS 2.0