Ergaa bara boodaa
www.sdalbm.hpage.com
Baabiloon gudditi
Baraatota kitaaba raaga hafuura qu'atan hundaaf hiikni "BAABILOON GUDDITII" kan fakkeefamtuun bertitii kitaaba R.Yohaanis 17 tan busaayicha diimmaa mataa torbaaf gaafa kudhaan qabu irra teetef dulloo seebarti nama hunda obasuudhaf harkaa bitaatiin oli qabddeen baka buuti.
Baabiloon dulloo seebartiif waan qanyesaa ta'e Waacitii keessatti guutee nama hunda itin seebarsiisuuf harka isiitiin oli qabdeeti.Namni hundiinu beertiiti raaga Yohaanisi tanan seebaraniru. Ykn beertiitin akka nama wa'ee qanyeesa ta'e bareefama wol-qumamtii saala bareese dhiheesuuf akkasumaas filimaan woraabe gurguratu tokkoti fakkefamu ni dandeeti. kuniis wonti salaa tokkoos waan isii irraa hin mudhaanef. Kataaba raaga Yohaanis boqaana 17 keessat Maleekichi fakkeena bertiiti daraasicha Yohaaniisif ibseera. Hata'u maale yoom BAABILOONIIN sirriin tan kufte?
Akkuma duraa duuba yeriichatin tuqaame arginuti Macaafni R.Yohaanis tateewwan ta'aman hundaa akka hikaa raagaatiti duraa duuban iddoo isaanii egsiisun tareesera. Kanaf wa'een bertiiti kitaabuma kana keessati boqaana garagara keessati haala gaarif akkata hubaatamu danda'un eereera (tareesera). boqaanicha kana tartiiban (duraa dubaa) egaanii laalun barbachiisadha. boqaanichiis akka arman gadii ta'a;
R.Yohaanis 14 Baabloon gudiitin jalqaba tan mottuummaa Nabbukkadinaxoor turtee woluuma galaat kufteeti. R.Yohaanis16 Waaqayyoon akka Baabloon deebite kuftuu baroota duraa erga raaga hafuura keessati eereera. R.Yohaanis 17 Maleekichii murtee Baabloon Yohaanisiti mudhiise,akkasumas hiika beertiiti ufaata dhiilge diimmaa ufaatef busaayiicha diimmaa isiin irraa teete ibseef. R.Yohaaanis 18 Maleekichii yeroo Baabloon dhabaamte (badee) booda waan ta'amu baldhiinan ibseetin jedhee.
R.Yohaanisi 19 Uummaanni bayyeen samii keessati ni gamaadan waan waaqayyoon isaan faayiisef murtee Baabloon irrati waan murteesef hin gamaadan sabaabinis beertiitin dhiiga qulqquulloota waaqayyoo jisuuni isaanillee lafa irrati daraara (ciinqa,rakiisa) turteeti kanaf guyyaa murtee qajeela ta'e kan garaalafumanadhan woliti hin makamne waaqayyoo irraa yoo isiif keenamu ILIILII...ILIILII..ILIILII..jechuun gamaachuu isaanii dhageesisu. Mee arman gadiitis waan waaqayyoon kufaati isii ilalchiise jedhuu duraa dubaan haa ilaalu.
R.Yohaanisi 14:8 Maleekiichii lamafanis iti ansun isiin KUFTEE,isiin KUFTEE Baabloon gudiitin duloo hadhaawa saboota biyyaa lafa hundaa OBAFTEE. Lakkoofsii ertuu kana keessati Maleekiichii moottuumman Baabloon woluma galaati akka kuftee dubaata. Haa ta'u maale yoo lakkofsichaa iti anu dubiifne balaaqeefamni ifaa Baabloon kuftee tana irraa ifuu akka Baabloonini lamafaan kuftu argiina.Baabloon sii'a meqaa kuftee? R.Yohaanisi 14:9 Maleekichii inii sadaaffaniisi itii ansuun "Eenus"kan busaayiicha qeraansa fakkaatu sagaaduf fakii isaa kalachaa (adaa) isatiif harka irratti fudhatuuf, R.Yohaanis 14,10 Ini amoo duloo lolfata osoo itii hin makamiini lolaa waaqayyoon irraa isaaf qophaayee duloo dadhii woyiini dhangaagaya loola isaaf qophaayee iirra ni dhugaa.
R.Yohaanisi16:19 magaalatin gudiitin baka sadiihiti qodaamte. Magaallootini wora amaanta hin qabnes (kafiirtoota) kufaan. Baabloon gudiitin hadhaawa dadhii woyyiin duloo ciimma ufi keessati guutamen loola waaqayyoo isiiti keenamuuf waaqayyoon afooti yadaatamte .Kana jechuun Baabloonini R.Yohaanisi 17 tun akkuma Baabloonini R.Yohaanisi 14 irrati yeroo isii egate duloo waaqaraa isif qophaayyee fudhateen wolit dhufeenyaa hika raaga dhugaa ta'e qaba(wolfakkata). R.Yohaanisi 17:1 kotuu murtee Baabloon gudiiti sii mudhiisa jedhee maleekichii Yohaanisiin. R.Yohaanisi 17'2 mottootni lafa woroon isiin wojjiin seebaran duloo dhangaagayaa dadhii woyyiin isiitinisi machaawani. Mottootni kunini kan machaawanini farsoo (dadhii) nama macheesun osoo hin tane barnoota sobaa kan bifaa amanti qabuf toftaa siiyasan ufii jalatii nama bitudhaan siyaasa mana kadhaa KAATOLIKII ROMATIN ture.
R.Yohaanisi 17'3 Hafuuran garaa lama boonna na fidee isii busaayiicha maqaa arabaa fi mataa torba akkasummas gaafa kudhaan(10) qabduura teete nati mudhiise.Yohaanisi busaacha iddoo gaariti hin argine maf lafa boonat argee lata mee qayaabadhuu macaafa seeraba'u16:22 rejiichaa cuubbu uummaata ijjoolle badhatee AROON lafa boonat gadii dhisee, akkasumas Mati 4,KIRSTOOS seexanan iddoon qormaatan iti wolii quname achuuma lafa boona ta'u isaat. Rakoo lafa boonna keessati mee ufii yadhuu.
R.Yohaanisi 17:4 ufaata dhiilge diimmaa ta'ef worqeef dhagaa ulifiina qabuun badhaafamte turtee hata'u maalee harka isiitin geeba worqee fakkatu kan waan baati seebartuma ufii keessati gutee jiruu qabateti. Salphaati namni kamuu ufaata phaphaasichii mana kadhaa KAATOLIKII ROMA ufaate arguu ni danda'a dhiilgee diimmaa bifa dhiiga qabu dhugaa mani kadhaa dharaa tunii hanga amati qulqquullootas dabalate namoota miliyoona 80,000 000 oli ta'u lafara caafaqudhaan lafara fixeeti. Kanaf ufaatichii dhiilgeen raga woroota lubbuu isiin dhabaanif raga akka ta'u kanuma ufachuu qabdii.
kan biroo imoo caalef worqii isiin itin badhaafte ufaatin PHAPHASICHII ufaatu harkii caalan jalaa qabee hanga mormaat kan dalagamee akkasumasi gonfoon, fanooni mormaa, fanoo harkaa qabatu, qubee harka godhaatu, tesoon ulifina irraa ta'u, sireen irraa bulluu, kan biraa hafee bilbiili PHAPHAASICHII itin haasawuu qabani harka isaa worqii irraa kan tolifamee. akkasumas tessoon eddoo qulqquulliti teessuumma PHAPHAASICHA tatee VATICAN CITY, mani kadhaa katoolikii kan ijaramtee dhaaga gatii gudaa ta'ef seensi manichaa sagadallee kan tolichaafamen worqee qulquulluu irraa turee. Dhuguuman mana kadhaa KATOOLIKII bayee dureetidhaa. Garuu qabeenya kana hunda esaa fidee kan jedhuu gafii namota hundatii.
R.Yohaanis 17:5 Adda isii irraati maqaa icciitii ta'e BAABILOON GUDDITII hadhaa seebartootaaf hadhaa bbattumaa lafaa jedhamee itti baraayyeera. Jechii gudiiti jedhu akka orijinala afaan Griikitit "MEGALE" hiika jedhuu qaba kana jechuun GUDIICHAA kan jedhuu keena. Sabaabiniis Baabiloonin jabbaanna Baabilooni durii irraa harka lama bayee guddoo dha. R.Yohaanis 17:6 Beertitiin dhiiga qulqqullootaatiif ergamoota YEESUUSITIN machoofte argee. yeroo isii argeetiisibayyee dinqiisifadhee. Akkuma Yohaanisi kana R.Danielisi wa'ee busaayatii nama sodaachiiftu yeroo argeeti ni dinqiisifate. R.Yohaanisi 17:7 maaf diqiisifata anu sii himaa iciitaa bertiiti busaayiicha maata torba irraa teete jedhee Maleekichii Yohaanisin. Maleekichii kun Maleekicha macaafa R.Danieli keessati Danielif hubaanota keenuf dhufee ta'u kan biraa ta'u wontii macaafa keessati erame hin jiruu.
R.Yohaanis 17:8 Busaayyichi argite duraas turee amma garu hin jiru haata'u malee edoo lafa jalaa keesaa ol-bahuuf jira. Garaa badditiis deema. woroon jalqaba irraa egalanii maqaa isaani galmee macaafa jireenyaa irraati hin galmoofne woorri lafara jiran Busaayiicha duraani jiruu akka hin jiree beekan deebi'ani arguun dinqiisifatan. Worri Waaqayyoon hin beene buusaayiichi ennu akka ta'e dhugati hin beekan. Asi lakkofsa 8 kana keessati xiiyefanan keenamu qaba.
1.Busaayyichi duraa argitee duraas turre.
2.Amaa garuu hin jiru.
3.Akkamti badee?
4.Edoo lafa jalaa keessa ol-bayuuf jira.
5.Gara badiiti deema.
6.Worooni amantaa hin qabne busaayyicha akka jiru akkamiti beekan? laakkofsa tokoon woli firoomsii ilaali.
7.Worooni amantaa hinqabne busaayyicha yeroo tokko akka badetti beekan deebi'anii arguun dinqiisifatan.
8.maaltu isaan dinqee?
Yeroo tokko bara 1812 keessatti mucatiin dargageetii tatee takka garaa kibba bahaa Engliiz osoo qarqaara garbaa ciina deemun dhagaa gosaa adaa ta'ee barbaaduuti jirtu yerroma saniti gaara keessati waan adaa ta'e waan nama sodachiisu argitee. Inis lafee meetira sadii dheeratuf maata ilikan qaraama qabuu tokko argiite. Kana booda worootni Archeology (waa'ee dur lafa keessatti awaalame kan qoratu) Lafee Busaayaa maalalchiisa ta'ef sodachisaa kana busaayaa DINOSAUR ta'uu isaa beeksisan. Sana boodas qoraatootni lafe kanaa wa'ee busaayyichaa kana qoraachof hanbaa lafee kana AWUROOPAA keessa deemani barbaadu osoo hin dhabsifnee lafee kana Faransaay keessatiis argan.
Akka isaan bareesaniti osoo busaayaan kun lafa irra hanga amaa jiraatee namni foon uffate lafa kanarratti hin argamu turee jechoon ibsaa kenaniiru. Hata'uu malee waa'ee busaayaa kanaa akka sanyiin isaa lafa irraa itti baduu danda'e wontii ibsaame hin jiruu. Wolumaa galatti Busaayaa kanaaf falasooftotiniif qoraatotni gurguudon biyya lafaatiin wontii hin jedhamneef hin jiru. Adhaas argama lafee kaniini wollitti qabuun akkaata guddina isatif maal akka fakkatu ibsuun galmaa muziiyema AMERICA guuda keessa dhabaanirru. Ini kuunisi buurqa turiizimii biyyatii ta'un namooni baayeen kanaaf jecha achii ya'uu.
R.Yohaanisi 17:9 Samuun hubbanoota qabu asii irratti, mataan torba (7) gaarren beertitiin irra teete. Mani kadhaa KAATOOLIKII ROOMA (vatican city) tan ijaaramte gaareen Romi torban keessa tokko irratti. Kunisii magaala romii keessa teesuumni PHAPHAASICHA akka bareedinan siriiti mudhaatu godheera.
R.Yohaanisi 17:10 Akkasumas mottootta torbaa (7) shaanan kufaaniraan, tokko hin jira, kan hafeelle amati hin dhufnee yoo dhufeesi xiqqoo ni tura jechuudha.
R.Yohaanisi 17:11Busaayichii tureef hin turee inni immo mataa isaatiif sadeetafaa. Qabxii laakkofsa kana laakkofsa 17:8 armaan olitin wolii fiduun ilala. Mani kadhaa KAATOLIKII ROOMAA ufii isiitif moottuumma sadeetafaa (8). Kunisii seerri PHAPHAASICHAA buusayaa qeeransa fakkatu kan mataa torbaa qabuu irraati iddoo yoo qabate, yeroo kana ufii isiiti moottuumma sadeetaffa ta'un buusayaa DINOSAUR'S irra ta'un edoo lafa jalaa (Uumata) keessa oli baati. Gara badiitis hin deema. Moottummaan (buusaayan) tuni angoo moottuummaa U.S.A AMERICA irraa fudhachuun labsii du'a basuun tan duraa caala namoota seera isii fudhaatu didan fixuu isii argina. Amayuu motumaan qeeransa fakaatu kuniif amantiin bifa siyaasaa qabu kun namoota biyya lafaa karaa adatiin shoorarkeessutti jiran. Kana ragaadhaaf mootumaa bulchiinsa Ameerikaatiif hariiroo mani kadhaa kaatolikii woliin qaban ama ilaaluun barbaachisaadha. Dhuggumaan angoon mana kadhaa KATOOLIIKI yeroo kaate irraa osoo hanga amaati jiratee namn lubbuu qabu lafara hin dhabama jechuun ni danda'ama.
R.Yohaanis 17:12 Gaaffan ati argite kurnan (10) moottotta kudhan hanga amaati moottumaa hin argane. garuu busaayyicha wajjiin yeroo tokkoof angoofi moottumaa hin fudhatu. Eertuun kun caalati kan ibsuu barbaade gamtaa mottuumma Awuroopaati. Hanga amaatiis gamtaan kun hanga biiyyoota 25 gayaaniru. Haata'u maale Awuroopaa gudoo ijaruuf hanga amaati sharaafni qarshii tokko hata'u akkasumaas mottummaa gamtaa tokko haa ijaaranuu kan jedhu irratti biiyyooni hafan hanga amaatti wolii itti hin galle. Sababiiniis yoo gamtaan kun tokko ta'e diinagdeen woroota hiyeeyyii kan bitamuun (bikaamun) qarshii woroota gudaataniittiin. kun ammo woroota hiyeeyii kan qaraa caala kan daarsuuf woroota dureeyii immo tan qaraa caala diinagdee isaanii kan gudissu. kan biraas bayyee isaan akka jedhaniti mirgi qixxummaa adha jiruuf wolidandeetiin biiyyoota hiyeesaf dureesa jiduu jiru biiyyoota dureeyiin hin dhiitama kan jedhu qabu.
R.Yohaanis 17:13 Kunin yaada tokko qabaan hunaa isaaniitiif angoo isaaniis Busaayyichaaf kennu. Gamtaan kun (mottuumman Awuroopaa) biiyya billissumaa jedhee ufii mogaasseen moottummaa U.S.A kara adaatiin mottuummaa isaan keessatin maqaa Diimokraasii jedhuun shoora isaa akka taphatu kenaniif. Kun immo akka mottummaan isaani humna argatuuf jabeena qabaatu nu gargaara jedhaaniti.
R.Yohaanis 17:14 kunin hoollicha woraanuu, hoollichiis gooftaa goftootaattiif moottii moottootaa waan ta'efi isaan hin mooya. Kan isaan wojiin jiran kan wamaaman fi kan filatamaanif kan amanaman hin mooyaatu. Ertuu kana caalati R.DANIEL 2:41-45 wojiin wolliti fidamee laalamuun barbachiisumaa qaba. Moottummaan shanafaa kun (Gamtaan Awuroopaa) moottummaa jahafaatiin (KIRSTOOSIN) akka butuute idoo dhabaamtu argiina. Kan biroo imoo waaqayyo Gamtaa kana keessaa nama qabaatuu isaa argina isaaniis gamtaa mirga billissumaa nama dhiibun fara KIRSTOOS ta'ee socho'u keessa bayuun siyaasa isaa balaalefatuun Gamttichaa moyyatan.
R.Yohaanis 17:15 Bishaan ati argiteetin jete sabaafii sab-lammoota beertitiin irra teete. Moottumaan busaayyichaa (UNITED STATE OF AMERICA) kan ijaarame Uummata adda addaatiifii saboota adda addaa akkassumaas Uummata Afaan gara garaa dubbatu iraa ijaarame.
R.Yohaanis 17:16 Gaanffoni kurnan ati argite, busaayyichis beertitii seebartitii yookiin ishee ejjituu sana jibuuf jiru; wol dhabuu duuwaallee osoo hin taane isaan onsanii qullaallee isii ni hambisu; foon isiille hin nyaatu, ibiidaaniis isii gubu. kana jechoon amoo toftan mana kadhaa KATOOLIKII gamtaa kanaf busaayiicha irratti fudhatama yoo dhabu jechuu dha.
R.Yohaanis 17:17 waaqayyoo akeeka isaa akka raawwatan yaada tokkollee akka godhaatani hanga raani jecha waaqayyoo rawaatufi moottuumma isaani akka busaayiichaf kenanif onee isaan keessa seensiiten jira.
R.Yohaanis 17:18 Beertiitin ati argiite immo, moottootta lafa irrati tan mootteettin jetu, Magaalaa gudditiidha. Lakkofsi ertuu kanaa karaa kamiin magaalaa gudditii tana beertitiin wollitti hidhee? Magaalatiin karaa kamin moottotta lafaa irratti mootte? ertu kana irraa dhaloota isiin irra argamte duraa dubaan ilala.
1.Beertitiin Baabiloon isiin magaala gudditii addunyaati. Isiin addunyaa hundaa keessaa tan barbaadamtu. Magaalatiin guditiin kan irraa ijaaramte saboota bayyee fi gossoota baayyee irra.
2.Magaalan gudditiin magaala handhuura tate moottummaa sadeetaafati.
Yohaanis moottotta darban keessaa moottotini shanan (5) akka firrisanii kufaan dubbata. Ini jahaffaan (6 ffaa) moottummaa godina (kutaa biyyatii) yeroo isaati. Ini torbaffan (7ffaa) amaati hin dhufne. akkasuumas busayiichi ufi mataa moottummaa sadeetaffaa (8ffaa)dhuunfatu ini kan dhufuu moottumootta torbaffaa (7ffaa) keessa ta'a. Yeroo Yohaanis Eebjuu (raaga) isaa argeeti, bulchiinsi godina (kutaa biiyyaa) moottummaa ROOMAA turre, ini moottuumma 6ffaadha. Kitaaba qulqulluu DANIEL 7 ykn galmee seena gara gara irraa Eenu akka moottii ta'e argachuu ni dandeena.
1ffaa moottumaa - Aasoorii (mottii Asoorii) R.Hixqeelii 31
2ffaa moottumaa -Moottii Gibtsii (Misiiri).
3ffaa moottumaa -Moottii Baabilooni(612 -539 d.k.d).
4ffaa moottumaa- Medo-Persia(539-330 d.kr.d).
5ffaa moottumaa-Griikii (330-163 d.k.d)
6ffaa moottumaa-Roomii-dhihaa (31d.kr.d -476 d.kr.b) Romii-bahaa(31 d.kr.d- 1453 d.kr.b.)
7ffaa moottumaa-Moottii Ottoman (Turkii)1299 d.kr.b-1911 d.kr.b.
Moottummaa Romiiti ansee moottummaa biraatu dhufe kuniis, busaaya mataa torbaa. Busaayaa Mataa torbaa kana booda isaa sadeetafatu ka'e. Mataa dhumaa kuni mata isaatif akka busaayaati xiiyyeeffannoo argaachu qaba. sabaabiinisi busaayyicha mataa torbaatin duraa kan dhabaateef Uummataas tasgabeessaa waan tureef.
Yeroo moottummaan sadeetaffaan kun dhaabbate (ijaarame), magaalatiin BAABILOON busaayicha diimmaa mata torbaa irra ta'uu dandeeti. Magaalatin hamiillee baayyee cabdeerti. kunis xiyyeeffannaa haadha seebartiiti wan arigateef. Sabaabiiniis magaalaan hamileen cabde argamuu isii dirqaama, amalaa kana kan irraa barate hadha magaala guditii irra.
Uummanni dachee hundinu "Dulloo woyinii" dhiphina Baabiloon irraa dhugaaniiru. Mallattoon sani akka ta'e himameera. Bara kanati bifti jiru salphina jiratoota lafara jirataan hundatuu karaa Fiilmii, TV, Muuziqaatin akkasumaas interneetiin woraabamee mudhifame himaamuu jira. Namooni magaala Baabiloon keessa jiraatuuf barbaaduu hin qaban. Akkasuumas woroota filmii gudeedaatif macaafa gudeeda wan hamiille nama cabsaa hadhaa magaalota irraa baratu hin qaban. Akka fakeenyaati fudhachuuf, beksisisoota TV irraati beksifamuu ilaaluun ni danda'ama. beksisni baayeen kan beksifamuun harkii bayeen beeraniini. Kuniis amala miiraa nama harkiisun waan hawaatufi.
R.Yohaanisi 18:1 Achii boodaas maleekkicha angoo qabu arge.
R.Yohaanis 18:2 Baabiloon gudditiin kuftee, kuftee. Ertu kana irrati maleekkichi kufaatii magaalaa handhuura teessuma moottummaa sadeetafaa( 8ffaa) magaala gudoo jabaana NEW-YORK America dubatu jira. Magaala jalqabaa gudoo bareeduu seena qabeetii Amerikaati. Baabiloon hafuura ROOMII akka tatee ni yaadatama. Gudinaan isii Baabiloon jabaana tana yoo hin geenees yeroo isiitti teesoo moottummaa (4ffaa) fi gaafatii diqoo turte.
R.Yohaanis 18:3 Worii amaanta hin qabnee hunduu dulloo seebartii isii irraa kan ka'e kufan.
R.Yohaanis 18:4 Sagallee lamaffaa kan waamiicha "keessa bayyaa".
R.Yohaanis 18:5 Cubbuun ishee hanga bantii waaqaatti oltuulameera, Waaqqayoos jal'ina ishee hundumaa yaadateera.
R.Yohaanis 18:6 waan isheen nama irratti fidde, ishee irratti deebbisa, Wonta isheen gooteefiis, dachaa lama godhee deebisaafi. Xofoo isheen itti namaaf bulbultetti, harka lamaa kan hamaatu bulbulaaf.
R.Yohaanis 18:7 Akkuuma isiin ufii kabajiitef boonteeni isiin immoo gadaaf dhiiphiina kenaaf. kana jechuun busaayaan gaafa kurnaani isii mormuuni amanta isii irraati dhabbuuni falmii gudaan isiin wolii bu'uun ibiidan isii gubaani.
R.Yohaanis 18:8 Guyyaa tokkoti duutiniif gaddii, beellii fii balaani hin dhufaan ibiidaniis hin gubaati Waaqayyoon iti murteeseetin jedhuu waaqa ciima.
R.Yohaanis 18:9 Moottottiin lafa woroon isii wojjiin seebaaranif caalatii worii fooni ufii isiin gamachiisa turan aara gubaata isii yeroo argaan irraa fagaatan mata qabatan boyaanif. Bulchoon wooren uummaata biroo bulchaan worii daldaala isiitin wojjiitin durooman kufaati Baabiloon gudiitif ni gadaan. Guyyaa september 11/9/2001 irraati handhuurri daldaala adunyaa (WORLD TRADE CENTER) kan ta'e gammoon gurgguddoon lama kan sadarkaa abbaa dhibbaa oli ta'e qabu magaala gudooffi magaala bu'uura U.S.A tate NEW-YORK, xiiyaara shoororiikeesitottin dhahamtee.
1.Namotin iyyuudhaan keessaa dheesaa turan.
2.Diinagideeni Ameerikaa guddichi kan hundaayye achiirati waan tureef gamoo diinagidee isii kana oli qabu kan danda'u maal akka ta'e yaaduun biiyaatiin gadda gudaadhaan booyaa turte.
3.Dooniwwan daldaala adunyoota gara garaa kan achii gayee achuuma gayee dhabaatee hafuun kan kara irra jiran immo ufi irra gara galuun deebi'aniiru.
4.Magaalatii akka hin jiree tatee, meshaani adda addaa kan gurguraaf bakeeti wolitii qabamee waan tureef ibiidafi aara isii keessa aaru yeroo sanati dhamsuuni hunaa enu olii ta'un magaalatin ajaa foolii hin taneeni ufifamtee turtee.
5.lubbuun kuma shanii (5,000) oliti laakkayamu dhabamuun, kan maatin argatee awaalate jira. maati osoo hin argatiin kan gubate isii keessatti gubate ture.
R.Yohaanis 18:10 Dararama isii sodaatuu irraa kan ka'e fagoo irraa dhaabatan.
R.Yohaanis 18:11 Fe'aa markaboota isaanii amaa achiti kan bitu hin jiru kanaaf daldaaltoon biiyyaa lafa ni booyaniif.
R.Yohaanis 18:12 Meeshaa adda addaa kan ijaarsa ta'u, akkasumaas faaya ijaarsi magaalatii itin bareede.
R.Yohaanis 18:13 Meeshaa adda addaa kan akka dibata fi nyaata. Magalatiin woli gala daldala adunyaati, haata'u malee dhiphini Qabeenyaa (economi) kufaatii isiitin booda ta'e.
R.Yohaanis 18:14 Lubbuun tanteele kan dharaatu hundii amaa sii jalaa badeera Magaalatin tun wirtuu sharaafa maalaqa addunyaati.
R.Yohaanis 18:16 Daldaaltoon duruummaani ati qabduu guyyaa tokkoti sii jala badeera sii hobaasi sii hobaasi jedhaanin.
R.Yohaanis 18:18 Worooni markaba ofanii fi imaltooni markaba aara isii kan fagoo aaru yeroo argaan magaalatin gudiitin mali fakkati jedha mata qabaatanii iyyaniif. Magaalatin buufata gudaa markaboota adunyaati. kanaf aara isii irraa kan ka'e daldaltootin gara isii dhufuu hin dandeene.
R.Yohaanis 18:17 Sa'aatii tokko keessatti badhaadhummaan kun hundinuu waan bade ta'eera!
R.Yohaanis 18:19 Daara mata ufii irrati firfiisuuni boyaanifi. Mandara gudditii, ishee worri markaba galaana irraa qaban hundinuu badhaadhumaa isheetiin sooromaniif, wayyoo! wayyyoo! sa'aatii tokko keessatti kan badde taateetti! jedhan. Guyyaan guyyaa gadda ta'e oleera. Namooni baka jiraniti dhabatanii mata gadii cabsuun kadhaana samuutin gadaaniru. manimaree biiyaatisii akka alaabaan biyyatii mudhii gadii bu'ee fanifaamu labsee turee.
R.Yohaanisi 18:20 Yaa saamii gamaadi ergaamtichi qulqquluunif isiinis nabiiyooni isii irrati gamaada Waaqayooni isinii murteeseerati.
R.Yohaanis 18:21 Maleekiichii dhagaa gudaa dhagaa babuura fakaatu kasee gara garbaati gadi darbee, Baabiloon mandari gudditiin akkas furguggifamtee, gadi ni darbamti, deebitees hin argamtu jedhe.
R.Yohaanisi 18:22 Armaan booda sagaaleen worra meeshaa faarfanaa dhahaniifii faarfanaan tokkollee sii keessati hin dhagayyamu.
R.Yohaanisi 18:23 Sagaalleen idaayyichaa yookiin ifti holiicha armaan gamaati sii keessani hin ifuu.Biyyatii tana irraa amantan kalaati biyya lafa hundaati raabsama ture. Haata'u malee yeroo kufte irraa egalee lamaffaa isii keessan hin darbuu.
R.Yohaanisi 18:24 Isii keessati dhigiini worra waaqqayoof qulqquulloota ta'aniifii nabiiyoota lafa irratti qalamanii hundinuu ishee keessatti argame.
Magaalatin adunyaa hundaa baka buteerti. Moottoonni adunyaa hundiinu isii keessati woliiti qabammuuni murtii adunyaa guutu irraa jiru keenu. Isiin dhadachaa ykn teesuuma UNITED NATIONIITI. Sabaabiinisi isiin guutu adunyaa waan baka buutufi.
Haa ta'uu maale Waaqayyoon itii gaafatumaa isii harka fudhee murtee iti fidee.
R.Yohaanisi 19:1 Gammachuun gudaan mana saamiiti ni ta'e.
R.Yohaanisi 19:2 Murteen isaa dhugaadha, qajeelaas waan ta'eef inni ejjituu guddittii ishee halalummaa isheetiin biyya lafaa balleesite sanati murteeseera; dhiiga hojjetoota isaati isheen dhangalaafteef gummaa baaseera.
Kommentarer
Trackback