Ergaa bara boodaa

 
www.sdalbm.hpage.com "Lolaa fii oduu lolaa dhaga'uuf jirtu, akka hin naanetti ilaalladhaa! kan akkasii kun ta'uun irra jira; Kun garuu amma illee dhuma isaa miti. sabni saba irratti, mootummaaniis mootummaa irratti in ka'a; beelli, socho'i lafaas iddoo adda addaatti in ta'a. wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuu ti". W.Maatiwos 24:6-8. Qu.annaa kana yeroo ilaalu jechoota hundaa irratti xiyeefanaa gochuudhaan hubbachuu qabna. Kuniis haala addunyaan yeroo amaa itti jirtu keessatti damaqina samuuf hafuura qulqulluu akka qabaanuuf kan nu gargaaruudha.

Yeroo dhihoo keessatti jijiirama guddaatu adduyaa teena tana irratti mulachuuti jira!. kana Raagni kitaaba qulquluu keessatti dubatame raawwatamaa jiraachuu isaa, sabni samuu qabu hunduu hubbachuu qaba. Kuniis hanga yeroo kiristoos ardii irratti mudhatee gatii cubuutii deebii deebisuti, gocha itti fuufuudha. Woraanaafii Lola adda addaatiif addunyaan yeroo amaa wonta woliin baleessitu Omishtee alaarmii woldhageesisuuti jirti. Ajeechaan harka namaatiin waan salphaa tokko ta'eera. Gocha akka shoorarkeesitootaa yoo ilaale akka fakeenyaati kan guyyaa 9-11-2000 Ameikaa buufata daldalaa addunyaa irratti ta'ame ilaaluu dandeena. kuniis biyoota baayee keessatti sodaa kan Uumeedha. Haalla qileensaa addunyaa yeroo fudhane, oduun guyyaa guyyaan gabaafamu kan nama gamachiisuu mitti. Bishaaniif ibbidi, akkaumaas sochiin lafaa yeroo dhihoo keessatti edoo adda addaa muudachuuti jira. Beelaa fii hongeen kutaa addunyaa adda addaa irratti mulachuuti jira. Qabeenyi (economy) biyoota adda addaa gadi bu'uudhaan bowoon mataa qoratootaaf bulchitootaa irratti baayateera. Sodaan addunyaa kallatii hundaanuu baayyatumaati jira.

Kun hundi bifa addunyaan yeroo amaa itti jirtuuf balaa sasalphaa yeroo ta'u, inni balaa torba bara boodaa jedhamee kitaaba qulquluu keessatti beekamu yeroo dhihoo keessatti ta'amuuf akka dhiyaateeru kan ama wolifaanaa ta'aaran kuniin nu beeksisu. Yeroo addunyaan akkanati haala dhabdee akkasumaas balaan adda addaa ta'amu keessatti, Onneen namoota waaqqayoon wojjiin hin jiree yeroo sodaan gudaan itti bulu, kan woroota akka fedha waaqqayootiti dedeebi'an garuu, sagalee "KUN ANA ; HIN SODAATINAA" jedhu in dhagahu. boqqonaa samuu namaa irraa dhabame kanafi murteen waan ta'amaaru ilaalaa cinqamuu mitti. Furtuun waan hundaa kiristoos waan ta'eef, hojjaa addunyaa irraa fooyyamuudhaan mataa keena dabarsinee isaaf kenuun gara gaaddisa isaatti dhiyaachuudha. Waaqqayoo yeroo ilmaan namootaa Uume ilmaan namootaa balaa akkanaatiin dhahuudhaafii miti kan Uume. Taateewwan armaan ollitti tareefaman hundi bu'aa cubuu ilmaan namootaa qofa. keessatuu yeroo amaa hafuuri waaqqayoo kan duraanii caalaa lafaraa yeroo deemaaru.Cubuun ilmaan namaa hangaa olitti guuteera. Seerri waaqqayyo kene hundi jigsamuutti jira. Hafuurri batumaa addunyaa irratti baayateera. Gudaafii xiqaaniis haffura kanaan qabameera. Namni saalaan woli fakaatu yeroo itti wol fuudhuun baayyateeru. Badumaan hojjaa ilmaan namaa akka bara Nohiifii akka bara Looxii san irra hamaateera.Murteen waaqqayyo cubuuu fii cubamoota irratti maal fakkaataa? Deebii kanaaf kitaaba R.Soofaaniyaas boqqonaa1 guutuu yoo dubbisne deebii gahaa ni argana.

Amala waaqqayyoo keessaa tokko Obsaaf gara laafumaadha. gocha hamaa ilmaan namaa dalagan hundaa irratti yeroo aagii itti deebi'an kenee akka deeban eega. Dhiifamsi isaa kanaaniis harka badhisee nama waamaara. Kuniis haalataa aagii keenaa irrati hundaa'a. Garuu harki badhifame kuni woliti deebi'uuf yeroon baayee asi dhiihoodha.Yericha harki araaraa wolliti cufameen booda, wonti hunduu ni raawwata. sana booda namni kamuu gonkumaa araara argatuu hin danda'u. Kun gaarumaa ilma namaa kamiinuu irraa hin argamneedha. Biyya lafaa kana irratti namooni Aangoo xiqqo qabaatanuu, issima saniin "hamana geena" namaan jedhu. Kan waaqqayoo addaa mitiiree? Ilaalchi gaariin isaa kun akka namaa kan cinaa tokkotii dabee miti. ilaalchi isaa namoota hundaafuu wol qixa. kanaafuu waaqqayyoon adha yeroo dhihoo nuti jiruti barbaadachuun gaarii mittree?

waaqqayyo Nohiif ergaa in dabarse. Nohiis dhageefacuun lubuu ufii habbise. Looxiifiis waaqqayyo akkuma kana ergaa dabarse. Looxiis ergaa san fudhachuudhaan lubuu ufii hambise. Cubbuun namoota bara sanii baayyatuu irraa kan ka'e, magaalotni isaanii badii ibbidaatiifii badii bishaaniitiin barbadoofte. Akkasumaas Yesuus Uumatoota yihuudotaati badiinsa Yeruusaalam himeefi. yerusaalam ni badi. sababiiniis yeroo itti daawwatamtu waan hin beekneef jedhe. W.Luqaasi 19:44 Bara kana keesaas akkanuma yeroon badiinsi nama muudatu fagoo miti. kana kan hubatu garuu nama hara ibsaan waaqqayyoo keessa jiru qofa. Hawiin keena kan adhaa, mana gaarii qabaatuu, konkolaataa gaarii qabaachuu, hirriyaa bareeda qabatuufii kan kana fakaataniidha. Akkasumaas kan kana hunda guutatees kaanuma caalaa dabalachuun dorgomii qabeenyaa keessa seenuudha. samuu ilmaan namaa hundaa kanatu weerareera. Amaas haala san daran ta'een bu'aan cubuu yeroo dhumaatiif baduuf jira. Baayeen keena adha hubanoota baayees haa ta'uu xiqoo kan qabnu, barnoota waa'ee dhufaatii kiristoos baraneera. Garuu kan nurratti mulatu hirrina hubanoota hafuura qulquluutiif hirina dibata zayitaati isaati. waaqqayoon yeroo hundaa dibata isaa irraa akka dibamnuuf nu kadhata. Dhufaatii kiristoos yeroo jenu woroota duuka-buutota kiristoos hin taaneef baacoo fakkaachuu danda'a. Garuu qu'anaan keena inni guddaan raaga dhufaatii kiristoosiitiin dura ta'amu, akkasumaas kan yeroo inni lafa irrati mudhachuudhaafi dhiyaateeti ta'amuufii cufamuu balbala araaraati.

Seenaan biyya lafaa kan rakini iraa hin caamne, kan hafuuri batumaa irrati guutee kan yeroo dhihooti barbadaa'u kana dhiisnee, mana yesuus nuuf qopheesuuf qophaa'uu qabna. kana jechuuniis taatewwan ta'aman kaniin akka barnoota seenaati yookiiniis joogiraafii tokkoti haa bareesinuu, yokiiniis haa hubanuu jechuu osoo hin taane, Yeroon kan kadhanaa fii soomaan miila isaa jalati kufnee cubbuu keenaaf kiristoositi boonuudha. sababiiniis lafti abaa ishee Uume waan qabduuf, abbichi cubuu isii irra guuteef yeroon murtee itti kenu asi dhihoodha. Kanaraa kan ka'e, gamoowwan babareedoon magaalota baabiloonii adhaa kan yeroo amaa argaaru kun hundi, akkasumaas qabeenyi adha namni itiin boonu hundi, yeroon barbadaa'u fagoodhaa mitti. Inshuraansiin adha qabeenyaf jedhanii seenan guyyaa san qabeenya namaa hambisuu hin danda'amu. Namni yeroo amaa inshuraansii lubuulee seenuu jalqabeera. garuu inshuraansiin lubuu namaa kiristoos qofa. "Kufte baabiloon gudiitiin kufte, iddoo buufata hafuurota hamootaa taateerti; lafa hafuurri xuraa'aan itti deddeebi'u, lafa allaattiin xuraa'onni fii jibbamooni itti deddeebi'an taateerti. sabni hundinuu daadhii wayinii dheekamsa isa halalummaa ishee irraa dhufu dhuganiiru, mootoni biyya lafaa ishee wojjiin ejjaniiru; naggadooni lafa irraas badhaadhumaa ishee isa keessa-ba'aadhaan sooramaniiru" M.yohaanis 18:1-3.

Addunyaa irratti waaqolii dharaatii kan sagadan Uumata miiliyoonotaati laakawamantu jiru. Bocni amantaa siraawaan uumata duraa dhokateera. Guyaan sanbtaa dhugaa namoota hagoon malee, amntaa baayeen yookiiniis, Uummata biliyoonotaati laakawamaniin eegamaan jiru. Dhugaan guyyaa sanbataa dhugaa tan adha qadhatee mudhatu tana dhabamsiisuudhaaf busaayyichi qophii irra jira. Mani kadhaa akka kaatolikii guyyaan waaqqefanaa dilbata qofaa akka ta'u labsuudhaaf baroota heduuf yaalii irra turteerti. "Yommus rakkinati dabarsanii isin kennu; isin in ajeesu; annaaf jetanii saba hundumaa biratti kan jibamtan taatu. yeroo sanati namooni baayeen in gufatu, walii isaaniis dabarsanii wol kenu, woliis in jibbu. raajoni sobaas hin ka'u".

Balaan inni gosa lammafaa, kan armaan boodati yeroon gabaabaan qofti hafeeruudha. Inni kuniis "balaa torban bara boodaa" jedhamuun beekaman. Mulata (raaga) yohaanis boqqonaa 16 irratti kan arginuudha. Waa'ee balaa bara boodaa kana akka kitaaba raagaatti gadi fageenyaan hubachuun barbaachisaadha. Addunyaa irratti seera waaqqayo kene cabsuudhaan yeroo amaa mani kadhaa baayeen kufaniiru. Garuu manni kadhaa, seera waaqayyoo guutuuf polotikaa fii badumaa addunyaa irratti ta'amu irraa bilisa taatee amantii siraawaan dhaabachuu qabdi. yesuus dhiheenati cubuu badumaa kanati murtee kenuudhaaf gara biyya lafaa ni deebi'a. Garee isaatiifiis, yookiiniis woroota ergaa dhugaa fudhataniif dabarsan, jireenya barabaraa yeroo laatu, woroota cubuudhaan guutamuun waaqqayyoon yakanii busaayicha duukaa deemaniifiis murtee barabaraa ni kena. sana booda dhugaan dhugaa ta'ee yeroo itti fuufu, fiigichi busaayichaaf hordoftoota isaa akkasumaas, dharri hidaan gubatee hin bada. kuniis yeroon baayee as dhihoodha. Ati adha maal irra jirtaa? garee kamiin keessatiis ramadamtaa? "Inni waan jal'aa hojjatu, jal'umama haa hojjatuu; inni xuraa'aan xurumama haa hojjatuu; inni qajeelaa hojjatuus, qajeelumama isaa haa hojjatuu; inni waaqqayoof qulqulaa'ees; issumaaf haa qulqulaa'uu! ani dafee hin dhufa, hunda isaaniitiifiis akka gatii isaaniitti kenuufiif hin dhufa"

Kiristoos uumata siraawaa isaa isa yeroo inni dhuffuus lubuudhaan isa reebatan kan 144,000 keessatti ramadaman addaan baasee yeroon chaappesuu baayee dhihoodha. Sana booda lafa kana irrati turtiin hin jira jenee yoo eegne, yeroo badiinsa addunyaa qofa. balbali araaraa ni cufama. Adha busaayicha duukaa woroota jiraniif balbali araaraa ni cufama jedhamee yeroo itti himamu, hidhoo seexanaatiin hubbachuu dhabuun namati baacuu malan. Garuu balaa torban kana keesaa yeroo inni tokko jalqabe ni hubatan. yeroo kanati balbalti araaraa ni jira jetee eegdaa? gabaabumati yerooma balbalti arraa cufameti balaan torbaan biyya lafaa irratti bu'uu eegalu. Kun akkuma Raaga Daani'el 12:1 irratti dubatame, baroota rakinaati

"Yeroo sanatti Mikaa'el ergamaa inni guddichi ijoollee saba keef dhaabatu in ka'a. Umaniis erga uumamee, kan ta'ee hin beekne barri rakkinaa guddaan hin ta'a. baricha keesatiis kan kitaabicha irratti bareefamee argame hundinuu ni fayyu" Raaga Daani'el 12:1 waaqqayyo balaa adda addaa gurgudoo kana keessatti umata isaatiif eegumsa guddaa ni taasisa. "Garuu rifeensi mataa keesanii tokkolee hin tuqamtu" Wongeela Luqaas 21:18 kuni eegumsa akka dargagoota fakiif sagaduu didaniiti. Akka kitaaba raagaa irratti ibsametiis Ufani isaan uffataniis hafuuri abidaa irraa hin dhoofne.

Yeroo rakkinni gudaan kun ta'amu keessatti worootni yeroo bari gaarii ta'e adha (amma) waaqqayoof kabajaa hin kenin, kan seera waaqqahoo jijiiruun busaayicha wojjiin hariiran hundi, balaa kaniin keessatti gara waaqayooti deebi'uuf gaafatan ni jiru. garuu balbalti arraaraa hanga cufameen booda waaqqayoon barbaadachuun gonkumaa waan hin danda'amne. "kunoo, barri ani itti biyya kana irratti beela ergu dhufuuf jira; beelichiis isa namoonni dubbii waaqqayyoo dhaga'uu dhabanii beela'an mallee, beela nyaataa budeenaatii fii dheebuu bishanii miti. Isaan dubbii waaqqayyoo barbaadachuuf galaana isa gara tokkootii hama galaana isa gara bitaati hamma ba'a biiftuuti in tiratu; garuu argachuu hin danda'an. Amos raajicha 8:11-12

Waaqqayyo yeroo sanyii namaa uumeti balaan dhahuudhaaf hin uumne ture. Nama kan uumeef busaayaa irraa adda taasisee akka faakaatii isaati jireenya qulqulumaatiin akka jiraanuuf ture. Ilmi namaa garuu akka isaa kana ta'uuf hin dandeene. Badumaan ilmaan namaa akka bu'aa cubuu argatu isa taasise. waaqqayyo balaalee torbaa kana ittisuufiis wonti isa dhibe tokkolee hin jiru ture. garuu draamaa cubuu yeroo dhumaatiif balleesuuf jecha balaaf himame kana ni eeyyama.


Yeroo hundaa seexani ufii isaatii akka waaqa ta'eeti namootaaf beeksisuu barbaada. Adunyaan guutuun akka too'anaa isaatiin adeemaartuuti hubachiisa. Summii Kanaaniis samuun namoota baayee tuqameera. Waqqayoo uumaa waa hundaa ta'eefii hundaa dursee ture immo akka hin jireef akka dogogoraa ta'eetti hubachiisa. Garuu waaqqayyo namoota isaa irratti akka ini wana barbaade raawatu yeroo kamuu itti hin dhiisu.Yeorroo balaa torbaa kana keessatti waaqqayyo ijja isaa kan eegumsaa woroota filatamanii achiti, kaan hafan hundaa irraa ni kaafata. Yeroo kana keessati seexani guutuun guututi mirga irratti argta. Sababiiniis akka kitaaba Mulata yohaanis 15:8 irratti ibsameti hanga yeroo balaan suni raawateeti eenuu qulqulumaa barbaadachuu hin danda'u. Seexani yeroo san keesati biyya lafaa irratti ufii isaatii ani waaqa ufiin jechuun duuka-buutota isaa irratti humna gudaan hojjata. Haata'uu malee dhuma irratti mootumaan isaa yeroo dhumaatiif ni barbadaa'a.

Balaalee torban kaniin gadi fageenyaan beekuudhaaf kitaaba mulata yohaanis 15:1-8 guututi yoo dubisne ni hubana. Kana boodees milikita guddaafii diinqisiisaa biraa tokko, samii keessatti arge; Inniis ergamoota torba worra balaa bara boodaa torban harkaa qaban turre; dheekamsi waaqqayoo isaaniin waan dhaabatuuf bala bara boodaa jedhaman" M.Y laakofsa 15:1 "Ergasii ani wanta akka galaana burcuquu ibidaan makaa irraa hojjatame tokko nan arge. akkasumaas worri bineensicha, bifa fakeenya busaayichaa, laakkofsa maqaa isaatiif dhaabatu irrattiis moo'icha argatan, kiraara isa kan waaqqayoo harka isaaniiti qabatanii, wonta akka galaana burcuqoo sana ladawa dhaabatanii arge" M.Y laakofsa 15:2. Tokkoo tokkoon isaanii gadi fageenyaan Mulata yohaanis 16:1-21 irratti tareefamaniiru.

Balaan duraa yeroo gadi lakifameti, woroota busaayichaaf sagadaniifii mallatoo isaa harkkaafii adda isaanii irratti kan qaban madaa babadaa ta'uun garmalee isaan miidhe. Yeroo ballichaa keesati garuu uumani filatamoo waaqayoo yookiiniis 144,000 fi fakeena ta'an irratti hin buune. balaan kuni gonkumaa isaan hin tuqne.

Balaan inni lammfaa kan laakofsa 16:3 irrtti ibsame galaana irratti bu'e. Galaanichiis akka dhiiga nama du'ee ta'e. Wonti isaa keesa jiraatan (lubbu qabeeyiin) hundi keessatti du'an. Akka kitaaba raaga Ellen G.white irratti bareefameeti, wonti bishaan fakaatu kuni hundi dhiiga yeroo fakaatutti, balaa kanaaf sababiin akka woroota guyyaa sanbataa dhugaa waaqayoo eeganiin jechuudhaan, furmaani balaa kanaa isaan dhabamsiisuudha jedhanii ka'u. Sababii kanaafiis duuti ni baayyata. Duuti kuniis akka kitaaba Mulata Yohaanis 13:15 irratti ibsameti, worootni labsii dilbataa yookiiniis guyyaa sanbataa dharaa (Dilbataa) kan hin fudhatin, woroota guyyaa sanbataa dhugaa waaqefatan adveentistoota irratti. Yeroon dhufu suniis, yeroo armaan duraa wogoota dheeraan dura seerri waaqqayyoo arfaffaan sababii nama tokkootiin akka jijiiramu taasifame nu qaabsisa.

Balaan inni 3ffaan yeroo ta'amuti bishaan namooni dhugan kan lageenifi burqituu fakaatan hunda irratti gadi lakkifamuun gara dhiigaati jijiiraman. kunis dhiiga qulqulootaa isaan jigsan akka dhuganiitti isaan hubachiisa. Dheebuu bahuudhaaf bishaan dhiigaatti jijiirame san dhuguun hammam namti ulfaataa?

Akka laakofsa 16:8 irratti ibsameti, yeroo balaan 4ffaa Biiftuu (aduu) irratti bu'eti, Aduun hoo'a ishee garmalee dabalte. yeroo kana keessatti, hoo'aan boba'anii bishaan qabanaa'aa yeroo barbaadataniitti, bishaan dhugamu hundi, hoo'aafii dhiiga ta'eera. Sababii hoo'aatiifiis, gogiinsi garmaleefii beeli ni ta'e. Kana keesaa immo, isaan waaqqayoon isa balaa kana hundumaa irratti gooftumaa qabu maqaa baleesan malee, yaada garaa isaanii hin jijiirane, waaqqayoofiis ulfina hin laane.

Ballaan inni 5ffaa teesoo busaayyichaa irratti gadi lakkifame; mootumaan isaas dukanaan liqimfame; namooni dhiphachuu irraa kan ka'e, araba ufii ciniinan. Dhiphina kana keessatiis waaqqayoon maqaa baleesan mallee, ammaas yaada isaanii jijiiranii hojjii isaanii irraa hin deebine.

Ballaan inni 6ffaa laga guddicha ifiraaxiis irratti gadi lakkifame. Bishaanichi in goge, moototni worra ba'a biiftuu akka dhufaniifiis karaan hin baname. kuni akka seenaa armaan duraati yoo ilaale, kan loltooni medo-pershiyaa injifanoo magaalatii Baabiloon duriiti gonfatan nu qaabsisa. lagni ifiraaxiis bara qarooma durii, gidduu wallakaa magaalaa Baabiloon yaa'a turre. Loltooni medo-pershiyaa, baabiloon dhahuun dura, laga kana akka baka lamati yaa'u gochuun, xiqeesuudhaan, muuxannoo qabaniitti fayadamanii, baabiloon irratti moo'icha gonfatan. Moo'ichi baabiloon durii sun Baabiloonii bara kanaatiifiis, fakeenya gaarii kan ta'uudha. Kuniis qophii moo'ichaa deebii gooftaan yesuus magaalaa baabiloonii bara kanaa baka bu'a. Bara kufaatii magaalaa baabiloon durii, akka Raaga Daani'el 5 irratti ibsameti namooni osoo dhuganiif nyaatan akkasumaas osoo fakkdhaaf sagaduufii gochagaarii hin taane raawatan, loltoota medo-pershiyaatiin dhahaman. Ummani baabiloon hanga loltooni kun laga kana tutuquun irra cambalaqaniti wanta ta'amaaru quba hin qabaniis, cinqiis akka hin qabneeti jireenya jibisiisaa jiraataa turan. Akkuma kana yeroo Baabilooni bara kanaas, mana kadhaa sobaa baayeefii amntaaleen sobaa baayeen kan wonta ta'amaaruuf cinqii hin qabne akkasumaas, kan seera waaqqayoo diigantuu keessatti woli gaheera. Dhugaatii woyinii Baabilooniitiiniis machaa'uun uumata dhugaa waaqqayyoo dhiibaniiru. Mootumaan baha biiftuu kan baka bu'u, kiristoosiifi woroota amanamoo isaa kan yeroo inni gara biyya lafaatti deebi'u kkaayyoo isaa galmaan gahan (malleekota) qulquloollee isaa kan duumesa xiqoo fakaatu irraan mudhachuun gudachaa gara biyya lafaati gadi dhufu baka bu'a.

Seexanni akka yeroon baayee xiqoo hafeeruuf sirritti waan beekuuf, yeroodhaa yerooti batumaa isaa fuula addunyaa irratti facaasuutti argama. Yeroo hundaa uumata waaqqayoof amanamoo ta'an ilaaluudhaan kufisuun gammachuu isaati. kanaaf akka isaan seera waaqqayoo cabsanii isa dukaa bu'aniif qorumsa isaatiin dhiyaata. Mana kadhaa adda addaa guutuun guututi dhuunfachuudhaan isaan irra taa'ee, worrota seera waaqqayoo eegan irratti labsii baasuudhaaf qophii irra jira. kanaafiis labsii dilbataa kan qophii irra jiru fakeenya gaariidha. Kiristoosiiniis ufi fakeesuudhaan baayee isaanii ni dogogorsa. Garuu waaqqayyo akkana jedha "Kunoo, ani akka hattuun dhuftutti hin dhufa, namni dammaqu, namni qullaa isaa akka hin adeemne saalli isaa akka hin mul'anneetti, uffata isaa eegatu kan eebbifame!" jedha. M.Y. 16:15

Seexanni guyyaa guddaa waaqqayyoo hundaa danda'uu irratti injifanoo argadhachuudhaaf ni yaala.M.Y. 16:13 "Yommus ani afaan bineensicha akka jawwee sana keessaa, afaan busaayicha keesaa, afaan raajjii sobduu keesaa hafuuroni xuraa'oon sadii fattee yookiin raachaa fakaatani utuu bahan arge. M.Y. 16:14 Isaan hafuurota seexanaa worra milikita garagaraa argisiisaniidha; Isaan kuni mootota, guutumaa biyya lafaa lola guyyaa isa guddichaa kan waaqqayoo hundaa danda'uu sanaaf, wollitti qabamanii loluuf bahaniidha. Akka barnoota raagaa adveentistiiti raachi yookiiniis faateen sadii sun kan baka bu'u, piroopoogaandaa sobaa seexanaa, phaaphaasichaafii woldaa guddaa woliigala tokkumaa amntaa pirotestaantiitii Ameerikaa wojji woli ta'uudhaan labsii dilbataa dabarsan bakka bu'a. Qaamni sadan kuni tokkumaa wojjin uumuudhaan proopoogaandaa sobaa labsuudhaaf kutaa biyya lafaa irratti dhageetii guddaa argatu.

Yeroo amaa seexanni yaada dogogoraa faalaa kiristoos ta'e uumata keessatti bulchuudhaan maxansaaleen gara garaa akkasumaas baruulee oduu baayeen addunyaan dhiibaa pilaaneetota birootiin baduuf dhiyaateerti jechuun badhinaan labsuuti jiran. Isaan tokko tokko Astirooyidiin (asteroid) guddaan biyya lafaa irratti bu'uun balaa guddaan biyya lafaa ni muudata jedhanii bareesaniiru. Waa'ee kanaafii kan kana fakaatan irratti waanta baayees bareesaniiru, akkasumaas fiilmii baayees hojjataniiruu. Akka fakeenyaati wonta armaan gadii kaniin irratti dhahuudhaan haa daawanuu!. http://www.youtube.com/v/LlF8APEkh-E?version=3"><param

http://www.youtube.com/v/mkv4chj47XY?version=3"><param

Akka qoratooni biya lafaa jedhanitti, astrooyidiin dhakaalee miilliyoonotaati laakawamu kan orbiittii naanoo aduu, pilaaneetii mars fii Jupiter jiduu jiru, Diyaameetirii dheerinaa maayillii (mile) dhiboota heduu kan gahan jedhu. Astrooyidiin inni guddaan dheerina diyaameetirii 600 mile akka qabuti woliigalaniiru. Akka qoratooni Astirooyidii dubataniti, inni gudaan tokko gara lafaatti yoo bu'e, Addunyaa irratti badii guddaa geesa jedhanii irratti wolii galu.Seexani yeroo akka ufii isaatii harkaa qabuuti ibsuudhaan uumata biyya lafaa addunyaan kan baduun, balaa astirooyidiitiin jedhee hubachiisuutti jira. kana interneetii irratti bareefamaafii fiilmii adda addaa yeroo ilaale yeroo dhiihoo keessatti jedhanii labsuuti jiran. Sabaabiin isaas guyyaan dhahicha waaqayoo baayee asi dhihoo ta'uu sirritti waan beekuufi seexani namoota irratti buluudhaan dogogorsaara. Balaan astirooyidii kuniis bu'ee akka lafa hin balleesine yeroo inni bu'uuti ka'eti, Misaa'eliidhaan dhoofnee cacabsuun xixiqeesinee ballicha hirisnaa jedhanii kan yaadaniis ni jiru.

Laakkofsa 16:17irratti, balaan inni torbaffaa qileensa keessatti lakkifame; sagaleen guddaan tokkoos mana qulqulumaa keesaa, teesoo sana biraa ba'ee "Raawwateera!" jedhe. sana booda, sagaleen gurgudoon bakakaa woli jalaa banaman, laftiis woliti bubuute. Sochiin laffaa kan erga lafti uumamtee biyya lafaa irratti ta'amee hin beekneetuu ta'ame. kuniis isa hundaa caalu turre. mandari gudoon baka sadiiti qoqoodamte M.Y 16:19 mandari saba biyya lafaa jijiguun barbadaa'an. Qoqoodamni sadiin kuniis akka armaan oliti ilaaletti, kan M.Y 16:13 keesati ibsameefii kan busaayicha, kaatolikiifii woldaa tokkumaa pirotestaantii kan polotikaa biyootaatiin wolii galuun sanbata dhugaa diigduudha. "Ani jiraataadha! ´namni jal'aan karaa isaatii akka deebi'u fii akka jiraatuufi malee, ani du'a namaa jal'aati hin gammadu. Deebi'aa! Isin yaa mana Israa'el maaliif duutuu? karaa keessan isa hamaa irraa deebi'aa!` jedha waaqqayyo gooftaan" Hisqeelii 33:11.
Guyyaa tokko balbali arraaraa ni cufama. Hundi keenyaa yoom akka duunu hin beeknu. Dhuggaa irratti aagii osoo hin deebi'in woroota du'aniif balbali arraaraa guyama du'an san itti cufama. Gooftaan yesuus yeroo deebuti du'aan oli ka'ee sagalee ilma waaqqayoo in dhagaha. kan isaan dhaabatee du'e hundiis, foon hin duune uffatee ni ka'a. 1ffaa Tasaloonqee 4:15-17 1ffaa Qorontoos 15:55


Kommentarer

Kommentera inlägget här:

Namn:
Kom ihåg mig?

E-postadress: (publiceras ej)

URL/Bloggadress:

Kommentar:

Trackback
RSS 2.0