Ergaa bara boodaa
www.sdalbm.hpage.com
Ibdda boba'aa
"Yommuu ati bishaan keessa adeemtu ani si wajjiinan jira, yommuu ati bishaan keessa ceetuus bishaan si fudhatee hin badu; ibidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, arrabni ibiddaas si hin qabatu." (Isaayaas Raajjichaa 43:2)
Qu'anaa kana keessatti dargagoota Ibrootaa sadan amantaa ufiitiin amanamoo ta'anii dhaabbatanfii kan biroos ilaala. Addunyaa tana irratti yeroo jalqabaatiif loli amantaadhaan wol qabate akka jalqabame kitaaba Uumamaa 4:4-8 akkasumaas ergaa Yohaanis 3:12 ni argina. haaluma maalalchiisadhaan yeroo dhumaatiifiis wonti addunyaa tanaa kan guduunfamuun loluma amantaatiin!. (Mul'ata yohaanis 14:9-12)
NAABUKADINATSOR fakii worqiidhaa kan hojjateef maalliif?
Daani'el laakofsa 3 fii mul'ata yohaanis 13 wojjiin woliti dhufeenya karaa kamiin qabaa?
As irratti haalli haaqqefanaan ture kan dhiyaateen bifa kamiin turee?
Dargagoota sadan kan hambise Eenyuu?
Fakeenyi isaan fayyisuu isaa sun maal mudhisaa?
Waaqqayooti amanuufii Waaqqayoon beekuun garaagarumaan maaliidha? Barnoota kana ofi eeganoodhaan kitaaba qulquluun woli bira qabaa yeroo dubbifane deebii gahaa mataa keenyaaf argana.
Daani'el 2 irraa akka ilaaluti, Naabukadinaatsor hanga Eebjuu argeen booda yeroodhaaf waaqqayyoon sodaachuudhaan hollatee ture. Haata'uu malee, ayyaana mootumaa isaa yeroo kabajatu deebi'ee uftuulumaadhaan ka'uun baayees osoo hin turin fuula isaa gara waaqolii dharaa deebise. Ebjuudhaan kan argee turre fakii guddaa san hojjachuudhaaf murteesse. fakichiis guutuun guututi worqeedhaan akka hojjatamuufii bulchiinsi isaas akka daangaa hin qabne agarsiisuudhaaf barbaade.
Fakiin Mootichi akka hojjatamu ajaje daani'el boqonnaa 2 irra ni ta'a jedhee kan dubateen yeroo wolbira qabamu, hafuurri didaadhaa kan keessati hubatamu maaliif? ( Daani'l 2:34:35)
Naabukadinaatsor bulchiinsa isaa jalati bulchitoota argaman hundaa aferrudhaan ayyaana Eeba fakii worqeen hojjatamee irratti argamanii akka sagadan kan godhe kaayyoo isaa kamiin galmaan geesuuf turee? (Daani'el 3:4-6) dubbisi.
Baroota durii mootota turan keessa fincilli akka hin kaane yeroo hundaa ufeeganoo godhu turre. akka armaan olitti ilaalutti moototni isa jalaa hundi amanamumaa mootichaaf qaban woltajii itti mudhate turre.
Hangamuu fakkicha hojjatamee woroota hin sagane irratti seerri du'aa bahe sun jabaa ta'uus, Seerri moototni baras turan angoo isaaniittiif tumatan hundi asii achi kan hin jenne turre. Sanaan duraas Naabukadinaatsor Zedeeqiyyaa fii Ahaab yihuudota jedhaman lamaan ibbidaan gubee ajjeesuun isaa ni yaadatama. (Ermiyaas 29:22)
Ibbiddichi boba'u waan salphaaf akka hin turre hundaa birratti beekaamuuf murteen Ibroota sadanii kan nama maalalchiisu turre. Naabukadinaatsor mootumaan isaa bara-baraan mootee akka jiraatuuf baayyee yaalii gudhee turre. Nutiis yoo taane garcinaadhaan du'aa kan ta'e Eenyumaa keena wojjiin haala wolfakaataan yeroo falmii taasifnu hubatama. Garuu nuuf abdiin keena maaliidhaa? maallf? (1ffaa Yohaanis 2:16-17)
Ibroota jecha mootichaa salphisan sadan (Daani'l 3:8-18)
Akka isaan Fakkichaaf hin sagadin Eentuu mootichati himee? (Daani'el 3:8) Akka kana godhan maaltuu isaan kakaasee?
Fakkichaa sagaduudhaaf mooticha afoti kan wolgahan namoota laakkofsaan baayyee ta'an durati, kan sagadaniif hin sagadin addaan baasee ilaaluudhaaf mootichaaf baayee ulfaataa turre. Haata'uu mallee ulfiniifii boonumaan ibroota sadiinii hinaafaa irra geeseenii kan turan worootni urjii laakahan gara mootichaa deemanii itti himan.
Daani'el 3 irratti fakkii arginuufii Mul'ata yohaanis 13:11-18 jiduu wollitti dhufeenyi jiru maliidhaa?
Haalluma woli fakaatadhaan bara dhumaa irratti fakkii dhaabbatuuf namooni akka sagadaaniif yeroon dirqisiifamn akka dhuffu raagni kitaaba qulquluu nuuf hima. Ta'uus "Busaayyichaaf fakiidhaa" woroota hin sagadin hundaa adimaa ikoonomii biyyoollesaa fii dhumaratiis labsiin du'aa itti baha. Dabalataaniis boqqonoota lameenuu irratti kan ibsame laakkofsi "666" too'anaa seexanaa jala nama jiru ta'uu isaa kan ibsu ifaan ifatti yeroo itti mudhatu. (Daani'el 3:1). Sagada Baabiloonii durii jalati kan dhiyyate fakiin worqii Kitaaba Dani'el keessatti yeroo jahaa ibsameera.(Dani'el 3:5¨;7;10;12;14;18). Haaluma wolfakaatuun gara kitaaba mul'ataa yeroo deemnu Busaayyichaaf Fakiidhaaf Eenuu akka hin sagaduu akka hin qabne Ergaan of Eegachiisaa yeroo jahaa ibsameera.(Mul'ata Yohaanis 13:15;,14:9;,11;,16:2;,19:20;,20:4).
Mootumaaf amantaa jiduu seenaa woliti dhufeenya jiru nu daawachiisu kun Diree Duuraa irratti woroota angoo olaanaa Naabukadinaatsor qaban irratti argamaniin sirni kabajaa fakkichaa baname. Haata'uu mallee ibrootni sadan akkas gochuudhaaf Eeyamamoota ta'anii hin turre. Mootichaaf dargagoota ibroota sadan giddutti haasofni turre kitaaba qulquluu irraa dhaamsa maalalchiisaa arganu keessaa isa tokko.
Mootichi kan baase labsii seera Ibbida boba'aatiin adabamuutiin dargagooni ibrootni sadan deebii deebisaniif keessaa yaani ijoonisa kam turre? (Daani'el 3:16-18) Guutuu kitaaba Daani'el keessatti "Fayyisaa" jechi jedhu ijoodha. Naabukadinaaxoor "Harka koo irraa waaqni issin fayyisuu danda'u Eenu?" jedhee yeroo isaan gaafatte dargagootni ibrootaa sadan "Waaqqni nu waaqqefanu nu fayyisa" jedhanii debisaniif.(Boqqonaa 3:15-17).
Mootichi ibbidicha boba'u keessatti maallalee ta'ame hanga ilaaleen booda garuu "Waaqni akkana nama fayyisu hin jirru" (laakofsa29 irratti) jechuun turre kan gaabe. Muuxanoon Daani'eliis Boqqonaa 6 yeroo ilaalu waaqni Daani'el waaqqefatu Uummaticha fayyisuu kan danda'u ta'uu isaa ilaala. Kitaaba Daani'el boqqonaa dhumaa irratti bara dhumaa irratti Maleekichi gudaan Mikaa'el worrota maqaan isaanii kitaaba jireenyaa irratti bareefamef akka ka'u ibsa. (Daani'el 12:1)
Hangamuu mootichi ariidhaan boba'uus garuu dargagooni fakichaaf gadi jedhanii sagaduu in didan. Saniin dura samuu fayyatiin yeroo turre, wana inni isaan ajaje hundumaa hojjataa turan. Amma garuu jecha mootichaa kabajanii akka argaman edoo itti waamaman yokkiin diree Duuraa dhufaniiran. Kanara darbanii garuu ajaja isaa san hojjachuu samuun isaanii wonta hin fudhane turre. Sababiin isaas isaan "nama irra waaqqayoof ajajamuutu barbaachisaadha!" (Hojjaa darasootaa 5:29) kan jedhu amantaa jabaa qabu turre. Waaqqayyo isaan fayyisuus fayyisuu baatuus seera waaqqayyoo isaanii irra darbuudhaan bocaaf gadi jedhuu samuun isaan hin eyyamne.
Seenaa jireenya kiristaanumaa keessatti waaqqayyoo amanamoo ta'uudhaan murteen akka dargagoota ibrootaa sadan irratti murteefameen kan wolfakaatu seenaa namoota kumaatamati laakawamanii kitaaba FOX'S BOOK OF MARTYRS irratti ni argina.
Daani'el 3:14-15 ufeeganoon dubbisaa. Laakkofsa 15 dhuma irratti Naabukadinaatsor dargagoota sadan gaafii tokko isaan gaafateera. gaafichi maal turre? deebii kan argateen karaa kamiin turee?
Naabukadinaatsor "Harka kiyya irraa kan issin fayyisuu danda'u Eenu?" jechuun ture kan gaafate. Waaqni kun mootichi boqonaa 2 irratti "Waaqqa waaqotaafii mootii moototaa" jechuun ragaa baheef (Laakofsa 47) utuu jiru akkamitti ariifanaadhaan iraanfate? Haaluma wolifakaataan kitaaba qulquluu keessatti edoo baayyetti akkuma dubbifnu waaqqayyo humna maalalchiisaa isaa itti mudhise yeroo dagatan argina.
Naabukadinaatsor lakkofsa 28 irratti nama yeroo isaan ibbida boba'uti darbaman arfafaa ta'ee jiduu isaaniititi argame ergamaa akka ta'e godhee dubbata. Haata'uu mallee Naabukadinaatsoriin enumaa nama arfaffaa san dargagooni ibrootaa sun akka hubbatuu isa taasisaniiru. Dhugumati kiristaanoni ilma waaqqayoo kiristoosiin akka ta'e ni amanu, akkasumaas kitaaba wongeela Maatiwoos 8.29, Roomee1:4, Ibroota7:3, 1ffaa yohaanis 3:8 keessatti kiristoos baroota dhumaa irratti gahee hojjaa fayyuumsa godhu keesaa ni argina.
Naabukadinaatsor Kitaaba Daaniel boqonaa 1ffaa irratti, waaqayoon yeroo maqaa isaa olqabu argina. Garuu boqonnaa itti anu keessatti, yeroo itti dhaadatu argina. Kuniis adha kan nu barsiisu, waaqayoon jireenya keenya keessatti wonta maalalchiisaa yeroo hojjatu argineeti baayees osoo hin turin samuun keena shakiifii gaafiin guutama.
Dargagooni sadan Ibbida boba'u keessaa womaa osoo hin ta'in yeroo bahan namni ijaan ilaale hundi maalaluu hin Oole. Achi kan turan hundi "Mataa isaanii irraayuu rifeensi takka akka hin buqaane argan; Bifti isanii hundi hin tuqamne turre; hafuuri ibbidaas isaan irra hin turre" (Daani'el 3:27). Hangamuu akka kanaati haala maalalchiisaan kan nuuf hin ibsamin gochaaleen baayeen jiraataniis; waaqqayyo garuu mooticha kanaaf karaa gahuu qabuun gaheeraafi.
Akka nama tokootti, waaqayyo Naabukadinaatsoti humna mudhisuu qabu akka boqqonaa 2 irratti osoo itti mudhisee jiru mooticha dogogoraa kanati maaliif lamata itti jabaatuu dhabe? jechuu dandeena. Haatauu mallee waaqayyo fayyumsaafii dhiifamsa isaa mooticha saala hin beekne saniti jabaatuu dhabe.
Guba gubaa yeroo ilaalu mootichi gooftaa ardiifii samii garcinaadhaan kan hubate fakaata. Haatauu malee, boqqonaaleen dhumaa akka nutti agarsiisaniti waaqayoon amanuun yookiin jiraataa ta'uu isaa hubachuun qofti gahaa waan hin taaneef, kanara mootichi waaqayoon beekuu yokiin akka yohaanis 7-3 barbaade. Fakeenyaaf, namni gochaa hamaa isaa irraa gonkumaa hin deebine hafuuraan dadhabaan tokko, jiraataa ta'uu waaqayoo fii dandeetii umuu isaas irra darbee beekuus ni danda'a. Haa tauu malee beekumsi akkasii Adaam qulumaa haadha mana isaa Uumama 2:25 kan beeke irra beekumsa darbee miti.
Waaqayoon beekuu yookiiniis humna isaa ragaasisuu ilaalchisee, Seexaniis kana ni godha Yaaqoobii 2:19. Kan barbaadamu garuu waaqayoon akka fayyisaa dhuunfaati fudhachuudha. Ati waaqayoon qofaati amanta moo isa akka dhuunfaati Yohaanis 17:3 beekta?
Dabalataan akka Ellen G. White nu qaabsiftuti, Naabukadinaatsoor ibbida boba'aa keessatti kan arge nama arfaffaa san hubateera. Mootichi waaqayoon hin beekne kuni Ilma waaqayoo akkamiti beekee? Daaniel 3:25. Ibrooni kutaa bulchiinsa mootumaa baabiloon jala turan, jireenya isaanii keessatti amala isaaniitiin dhuggaa itti mudhisanii turan. Uumani waaqayoo ifaafii salphaa karaa ta'een qulqulumaa waaqayoo namootaaf ibsaniiru. Dabalataaniis araara adunyaatiif kan dhufu waa'ee kiristoos dubatuu isaaniitiin mootichi eenumaa nama 4ffaa addaan baasuuf danda'e. Prophets and king fuula 509.